Qassee, Abduljabbaar2019-04-182023-11-302019-04-182023-11-302017-08http://etd.aau.edu.et/handle/123456789/18033Qorannoon kun bu‟uura yaaxina bifiyyeetiin asoosamoota Hadhooftuufi Doobbii Jaalalaa qaaccessuurratti kan fuulleffatedha. Xiyyeeffannoon qorannichaas, haala caasaa jaargochaa asoosamoota filatamanii ibsuu, fakkaattiiwwan asoosamoota filataman keessatti haala kamiin bocamanii akka dhiyaatan eeruu,kalseenaa isaanii addeessu, haalli yookiin tooftaaleen dhiyeessa seenaafi ittifayyadamni afaanii asoosamaata kanneen keessatti maal akka fakkaatu addeessuu, haalli ittifayyadama sadoommiiwwaniifi fakkoommiiwwanii asoosamoota filataman keessatti maal akka fakkaatuufi wantoota isaan ibsan adda baasuudha. Malli qorannoos qaaccessa barruu ta‟ee kitaabilee filataman iddatteeffachuun ragaaleen keessaa funaannamanii bu‟uuruma kaayyeffatameen qaacceffamaniiru.Caasaaleen jaargochaa asoosamoota filataman lameenuu keessatti sadarkaaleen hunduu saaxila hanga furmaataatti hammatamaniiru. As keessatti wantoonni akka hanqinaatti ilaalamanis nijiru. Asoosamoota lameenuu keessatti fakkaattiiwwan haalli ittiin bocamanii dhiyaataniifi ittiin ibsaman garaagarummaa haaqabaatu malee,gosti hunduu hammatamaniiru. Kalseenaan (ijji seeneffamaa) asoosama Hadhooftuu ija seeneffama sadeessoo ta‟ee, seenessaan hunda beekaa daanga‟aadha. Kan asoosama Doobbii Jaalalaa immoo ija ramaddii tokkeessootiin seeneffame. Ittifayyadama afaanii keessatti, filannoo jechootaan walqabatee, walaloo, sirboota, xalayaaleefi keeyyattoota addeessaa kanneen garaagaraa keessatti barreessitoonni lameenuu jechoota dhimma kanaaf isaan gargaaran keessattuu sadoommiiwwaniifi fakkoommiiwwan keessatti filatanii ittiin addeessaniiru.Haata‟u malee, gama kanaan hanqinni homaatuu hinjiru jechuu miti. Haala ijaarsa himootaafi caaslugaa ilaalchisee, barreessaan asoosama Doobbii Jaalalaa irra caalaa himoota sassalphootti fayyadameera. Asoosama Hadhooftuu keessatti irra caalaa kan dhimma ittibahe himoota walxaxoodha. Asoosamoota lameenuu keessatti akka waliigalaatti, qixa sirriin fayyadamuu dhabuun walqabsiisotaa, sirna tuqaalee, qub-guddeessaafi walsimachuu dhabuun matimaafi gochimaa akka jiru adeemsa qorannoo kanaa keessatti irra gahameera.Tooftaalee dhiyeessa asoosamootaa ilaalchisee, barreessitoonni lameenuu seenaa asoosamoota isaanii mala garaagaraatti fayyadamanii dubbistoota biraan gahaniiru.Tooftaaleen mala addeessaa, mil‟uu, raaga, waliin dubbii yookiin marii, ofiin dubbiifi kkf dhimma bahaniiru. seenaa asoosama isaanii keessatti jechamoota duubaan hiika dhoksaa qabaniin yaadota ibsachuu barbaadan sanneen xiyyeeffachiisuuf jecha sadoommiiwwanitti dhimma bahaniiru. Fakkoommiiwwan ilaalchisee, keessattuu wanta ijaan hinargamne tokko isa argamuun bakk buusuun mallatteessuun asoosamoota lameenuu keessatti ittifayyadamni mul‟ateera. Walumaagalatti, barreessitoonnii barruu kalaqa isaanii keessatti ijoo dubbii isaanii haala miira dubbistootaa harkisuun yaadaan fakkii sammuu namaa keessatti uumuudhaan wanta yookiin nama barbaadan ittiinijaaruun, dhaadhessuun, kan jibban tuffachuun, ittiinxooxessuun,ittiinbalaaleffachuuf sadoommiiwwanifi fakkoommiiwwanitti gargaaramaniiru. Walumaagalatti, akkuma argannoon qorannichaa ibsutti hojiiwwan kalaqaa kanneen keessatti ciminifi hanqinnis kan mul‟ate ta‟ee hanqinoota mul‟ataniif yaada furmaataa ta‟uu danda‟a jedhamee kan yaadamee yaaboo keessatti eeramee.om-ETQaaccessa Asoosamoota Hadhooftuufi Doobbii Jaalalaa Ija Yaaxina BifiyyeetiinThesis