Jallataa, Taddassaa (PhD))Jabeessaa, Balaachoo2019-08-292023-11-302019-08-292023-11-302019-06http://etd.aau.edu.et/handle/123456789/18908Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa, gahee mammaaksota Oromoofi jechaawwan sirana araaraa keessatti, xiinxaluun ibsuudha. Qorannoon kun gosa qorannoo akkamtaa waan ta’eef, mala qorannoo akkamtaatiin ibsame. Maddi raga qorannichaa, madda raga tokkoffaadha. Kanaaf, akka madda ragaa tokkoffaatti namoonni odeeffannoon irraa funaaname, manguddoota Oromoo waa’ee mammaaksaa gadifageenyaan beekanirraati. Meeshaan ragaaleen ittiin funaaname ammoo, mala afgaaffii, marii garee xiyyeeffataafi daawwannaa. Malli idaattessuu ammoo, idaattessuu miti-carraa yoo ta’u, gosa iddatteessuu kanneen keessaa iddatteessuun dhimma itti bahame idaattessuu akkaayyoofi iddatteessuu darbaa dabarsaati. Kanaafuu, qorataan dura waajjira Aadaafi Turizimii aanichaa mariisisuudhan namoota aanichaa keessaa waa’ee sirna araaraa sirritti beekan erga gaafateen booda, ragaalee qorannichaaf isa barbaachisan walitti qabateera. Dabalataanis, qorataan manguddoota dhimmaa araaraa beeku jedhamanii eeramanirraa odeeffannoo yeroo fudhachaa ture, manguddoota dhimma araaraa sirriitti beekan kan biroo akka isaaf eeran gaafachuudhaan namoota eeraman kanneenirraa ragalee walitti qabateera. Xiinxala ragaalee taasifameen, argannoowwan garaa garaatu argame. Isaanis:mammaaksonni Oromoofi fakkoommii sirna araaraa buusuf oolan gulantaalee sirna araaraa keessatti akkaataa bifa garaagaraan itti garagaaramaniifi fakkoonni sirna araaraa keessatti taasifaman sirna araaraaf gahee olaanaa qabaachuun mirkanaa’era. Mammaaksota Oromoo namoota wal lolan yookan wal dhaban jidduutti araara buusuu keessatti faayidaawwan heduu qaba.Isaanis: yaaxxina namoota araaramaa akka dubbii jaarsummaa fudhatan gochuu, haaloo ambisuu, jaalala buusuu, miidhaa darbe dagachiisuu, dubbiin akka gabaabbatu gochuufi dhugaa jiru kenname akka fudhatan gochuu akka ta’e mirkanaa’eera. Akkasumas, jechawwaan sirna araaraa keessatti aadaa Oromoo wajjin walitti hidhamiinsa waan qabaniif milkaa’ian araaraatiif faayidaa olaanaa akka qaban mirkanaa’era. Argannoo kana bu’uura godhachuun: hawaasni Oromoo mammaaksotatti dhimmana bahuun araara buusaa jiran kana haaluma ammaa kanaan jabeessanii dhimma itti bahanii jaalalaafi nageenyan waliin jiraachuu akka qanban, mammaaksonni Oromoo araara buusuuf oolan dubbii araaratti mi’aawaafi fudhatama akka argatuufi warren kana fakkattan waan oolaniif fuulduraattis, jaarsoliin dubbii araaraa mamaaksatti gargaaramuun osoo dhiyeessanii, Hawaasa Oromoo keessatti kan dubbii araaraa irratti hirmaatan manguddootadha; haata’u malee, dhaloonni ammaas, haala manguddoonni mammaaksatti gargaaramuun sirna araaraa gaggeessan itti dhiyyeenyaan hordofanii kara fuulduratti dhimma bahuu qabu kan jedhuufi Hawaasti Oromoo sirna araraa keessatti afakkommii itti gargaaramanii araara gaggeessan hawaasicha biratti kabaja guddaa qabu waan qabaniif araara buusuu keessatti iddoo guddaa waan qabaniifuu dhaloonni haaran haaluma abbootiin itti gargaaramaniin itti fufsiisuu akka qaban agarsiisera.om-ETXinxaala Gahee Mammaaksota Fijechoota Sirna Araara Keessatti Qabatan :Oromoo Sodoo Irratti Kan XiyyeefateThesis