DR. Taaddasee JaallataaSooressaa Guutamaa2023-12-292023-12-292021http://etd.aau.edu.et/handle/123456789/1284Kaayyoon qorannoo kanaa, qaaccessa qabiyyee mammaaksota tokkummaa ibsanii yoo ta’u, ka’umsa qorannoo kanaa kan ta’e Mammaaksotni tokkummaa hawaasaa ibsan haala qindaa’aa ta’een barreeffamaan waan hin jirreef mammaaksota kanneen qaaccessuun bifa qindoomina qabuun hawaasaaf olkaa’uu,Mammaaksota faayidaa tokkummaa ibsan sakatta’uun hawaasni akka itti gargaaramuuf dhiyeessuu,Mammaaksota dhiibbaa tokkummaa dhabuun geessisu dhiyeessuun hawaasni hubatee akka tokkummaa isaa cimsatuufi tokkummaaleen hawaasaa eessa eessatti akka calaqqisu gad-fageenyaan ibsuun hawaasaaf dhiyeessuudha.Kaayyoon qorannoo kanaas mammaaksota tokkummaa Oromoo ibsan walitti qindeessuun dhiyeessuu, mammaaksota bu’aa tokkummaa’uu ibsan dhiyeessuun hawaasni akka tokkummaa’u taasisuufi tokkummaalee hawaasaa mammaaksaan ibsaman barreeffamaan hawaasaaf dhiyeessuudha. Barbaachisummaan isaas mammaaksota qabiyyee isaan qaaccessuun dhiyeessuun hawaasa fayyadamaa taasisuu, namoota qorannoo kana fakkaatu hojjetaniif akka madda ragaatti gargaaruufi waajjira aadaafi turiziimii aanichaaf akka ragaatti gargaaruu fa’i.Daangaan qorannichaaMammaaksota tokkummaa ibsan Godina Shawaa Kibba lixaa aanaa Bachoo yoo ta’u, hanqinni qorannichaa yeroo, baajata, Kaameraafi ragaalee akka barbaadanitti argachuu dhabuu fa’i. Haata’u malee qorataan yeroofi baajata qabutti karooraan fayyadamuufi ragaalee garaa garaa haala kaayyoo isaa galmaan gahuu danda’uun karaa sirriifi haala sirrii ta’een fayyadamuun qorannoo isaa galmaan gaheera.Boqonnaa lama keessatti barruulee mata duree kanaan wal fakkaatu sirriitti sakatta’amee kan dhiyaate yoo ta’u ,boqonnaa sadii keessatti immoo keessaa mala akkamtaa,qooddattoota qorannichaas ,akkasumas mala iddattoo akkaayyoofi iyyaafannoo,mala funaansa ragaalee keessaa immoo af-gaaffii,marii, daawwannaafi salkattaa galmee addaa addaa gargaaramee mal ibsaatiin qaacceffamee dhiyaateera.Haaluma kanaan gaaffileen qorannoo boqonnaa afur keessatti gadi fageenyaan qaacceffammuun dhiyaataniiru.Dhuma irratti boqonnaa shan keessatti cuunfaa goolabaafiargannoon qorataa kan dhiyaate yoo ta’u yaadonni furmaataas boqonnuma kana jalatti gabaabinaan dhiyaataniiru.orQaaccessa Qabiyyee Mammaaksota Oromoo Tokkummaa Ibsan: Aanaa BachoottiThesis