Mulugeetaa Nagaasaa(PhD)Mazgabuu Hundumaa2024-01-292024-01-292021-11https://etd.aau.edu.et/handle/123456789/1473Kaayyoon qorannoo kanaa Ergaa Jechoota Safuu Oromoon Dubartootaaf Qabu xiinxaluudha. . Gosti qorannoo kanaa qorannoo akkamtaa ta‟ee mala iddatteessuu akkayyoofi tooftaa funaansa ragaalee kanneen akka afgaaffiifi marii garee fayyadamee mala ibsaan qaaccesseera. Qorannoowwan mata duree kanaan walfakkaatanis sakatta‟amaniiru.Malli iddatteessuu qorannoo kana geggeessuu keessatti dhimma itti ba‟ame immoo mala akkayyoofi darbaa dabarsaati.Meeshaaleen funaansa ragaa qorannoo kanaas afgaaffii maanguddoota waa‟ee safuu dubartootaa irratti hubannoo qaban iyyaafachuun maanguddoota hubannoo jechoota safuu dubartootaa qaban marii garee fayyadamuun odeeffannoon funaanameera. Bu‟uureffannaan yaaxinaa, yaaxina aadaa hawaasaafi faayidaa ta‟ee,safuun dubartoota ilaallatu maal maal akka ta‟an jechoota kanneen hawaasa keessa gadiseenuun haala jireenya hawaasichaa irraa akka mul‟atan,jechoonni safuu dubartootaa ibsan kunneen maatii irraa eegalee hanga hawaasa bal‟aattillee faayidaa akkamii akka qabu,ergaa safuu dubartootaa dhokataa ta‟uu isaatiin keessa jiaachuun dhandhamatan malee kan salphumatt hubatamu miti. Haala kamiin yeroo si‟anaa ilaalamaa akka jiru odeeffannoo argame xiinxaluun ibsuun Argannoowwan qorannoo kanaan bira ga‟amanis:Inni tokko jechoonni safuu dubartootaa ergaa dhokataa kan ofkeessaa qaban ta‟ee, hawaasa Oromoo biratti baay‟ee kan kabajamu ta‟uufi namni ajaja tokko malee uumaa,uumamaafi walii isaanii kabajanii akka waliin jiraatan gochuuf jechoonni safuu humna kan qaban ta‟uu. Haata‟u malee dhaloonni si‟anaa haalli safuu dubartootaa ibsan xiqqaachaa kan adeeme ta‟uu hubatameera. Akkasumas, Oromoon akkuma namaaf safuu kennu,uumama biroofis safuu laachuun madaala uumamaa eeguun jiraata. Itti dabaleess, jechoonni safuu sababa amantiin,faashina adda addaafi wantoota qaroomina fakkaataniin miidhamaa kan jiruufi jechoota safuu kanneen keessaa baduufi kaan laafanii jiraachuu qorannoo kanaan bira gahameera. Kanaaf, abbootiin gadaa, barsisoonni, maatiin, biiroon aadaafi turizimiifi qaamonni dhimmi isaa ilaallatu kunneen marti bakkeewwan argatan maratti maalummaafi faayidaa jechoota safuu barsiisuu bira darbanii fakkeenya ta‟anii mullachuun gaarii ta‟a. Yoo akkas ta‟e, jechoonni safuun kun waliin jireenya hawaasaa cimsuu bira darbee, nageenya naannoofi biyyaa eegsisuu keessattillee ga‟een isaa olaanaafi murteessaa ta‟a.orXiinxala Ergaa Jechoota Safuu Oromoon Dubartootaaf Qabu: Godina Shawaa Lixaa Aanaa GindabaratThesis