Jaalataa, Taaddasaa (PhD)Hayiluu, Girmaa2020-11-202023-11-302020-11-202023-11-302019-08http://etd.aau.edu.et/handle/123456789/23421Kaayyoon qorannoo kanaa, gahee dubartoonni sirna Gadaa Oromoo maccaa keessatti qaban: kan godina shawaa lixaa aanaa Dandii qaaccessuudha. Qorannoon kana gaggeessuuf wanti qorataa kakaase hawaasa kana keessatti dhaladhee waanan guddadheef dhimma gahee dubartoota ijoolumarraa kaasee hordoofutuu gaaffii natti ta’a ture. Inni lammaffaan ammaan argee dubbisetti mata duree kanarratti qorannoon kallattiin irratti gaggeeffame hinargine waan ta’eef mata duree kanarratti qorannoo akkan hojjedhuuf nakaakase. Akkasumas, qorannoowwan kanaan dura sirna Gadaa irratti hojjataman waa’ee buuta qaluu, dhugoo baasuu malee, gahee dubartoota kan tuqanii hinargine. Kanaaf, qorannoon kunis qaawwa kana duucha. Kunis haala gaahe dubartootafi faayidaan sirna Gadaa hawaasa biratti maal akka fakkaatufi rakkoo gahee dubartootaatiin walqabatan adda baasuudha. Maddi ragaa qorannoo kanaa madda takkoffaafi lammaaffaati. Maddi raga tokkoffaa kunis odeefkennitoonni qorannoo kanaa adda durummaan manguddoota, abbootii Gadaa Oromoofi hojjetoota waajjira Aadaafi Tuurizimii aanaa Dandii kanneen waa’ee sirna Gadaa irratti muuxannoo gaa’aa qaban keessaa mala iddatteessuu kaayyeffataa (purposive sampling)fi darbadabaarsaa fayyadamuun filatamanii jiru. Ragaa qorannoo kanaaf oole funaanuufis afgaaffiifi daawwannaatii fayyadameera. Ragaaleen meeshaalee kanneeniin funaanaman mala qulqulleeffataati fayyadamuun qaacceffameera. Dabalataanis, ragaa qaacceffameerratti hundaa’uun hawaasa biratti gaheen dubartoota sirna Gadaa keessatti faayidaa akka qaban qorannoon kun nihakeeka. Dhumarrattis, argannoowwan gurguddoon qorannichaa akka ibsanitti gaheen dubartootni sirna Gadaa Oromoo keessatti qaban yeroo abbaan Gadaa Gadaa qaluu biqilaafi Aannaan qabattee duudhaa guutii, Nyaatafi dhugaatii keessaas qooda qabu. Bakka sirni Gadaa itti gaggeefamus wajjiniin deemu. Akkasumaas dhiichisuun sirnicha ho’isu, seerota tumaman hojitti hiikuuf ofqopheessu, ergaa abbootiin Gadaa dabarsan hojii irraa oolchuu. Hidda dhalootaafi seenaa isaanii wayitii dubbatamu nibaraatu. Akkasumas hojii artii cimsuu, midhaksuufi gabbisuu keessatti qooda olaanaa qabu. Keessattuu haadha waarran abbaa Gadaafi gurra urtuun gahee guddaa kan qaban ta’uu isaanii qorannoon kun kan agarsiisedha. Haaluma kanaan qorannoo kana boqonnaawwan shanitti qooduudhaan mata dureewwan gurguddaa kanneen akka ka’umsa qorannichaa, kaayyoo qorannichaa, barbaachisummaa qorannichaa, daangaa qorannichaa, mala qorannichaa, qaaccessaa ragaalee, argannoofi yaboo qorannichaa qabachiisuudhaan qopheessuu yaaleera.om-ETQaaccessa Gahee Dubartoonni Sirna Gadaoromoo Maccaa Keessatti Qaban: Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dandii Irratti Kan XiyyeeffateThesis