Fufaa, Tolamaram (PhD)Fiqaaduu, Taarikuu2020-11-202023-11-302020-11-202023-11-302019-08http://etd.aau.edu.et/handle/123456789/23426Kaayyoon qorannoo kanaa dhiyaannaa uumamteefi hortee dhamjechoota kitaabilee barnoota Afaan Oromoo kutaa 11ffaafi 12ffaa bara 2005 qophaa’an keessatti dhiyaatan qaacceessuudha. Innis,uumamteefi horteen dhamjechi qabiyyee caasaa Afaan Oromoo keessaa isa tokko waan ta’eef, kitaabichi hammam caasaa Afaanichaa jeddugaleessa godhatee,haala bilchina qabuun akka qophaa’e xinxaluudha. Kitaabileen barnootaa, barsiisonni Afaan Oromoo barsiisaniifi barattoonni kutaa kana baratan akka iddattootti filatamaniiru. Barattoonni hirmaatan mala iddatteessuu carraa tasaatiin kan filataman yoo ta,an, kunis mala lootoriin yoo ta’u, barsiisonni immoo, mala iddatteessuu mit-carraa keessaa,iddatteessuu akkayyootti gargaaramuun filataman. Kunis, kanneen odeeffannoon irraa fudhatamuun barbaachise murteessuun ta’a. Qorannoon kun gosa qorannoo Ibsaa(descriptive research) ta’ee, meeshaaleen funaansa ragaa kan qorataan itti gargaarame ammoo,mirkaneeffannaa kitaabilee barnootaa, qajeelcha barsiisaa, afgaaffii barsiisotaafi bargaaffii barattootaati. Odeeffannoon meeshaalee kanneeniin walitti qabame mala qorannoo akkamtaafi hammamtaatiin qaacceffameera. Akka argannoo qorannoo kanaatti, maalummaa, qabiyyee, tajaajila uumamteefi hortee dhamjechootaa gadi fageenyaan ibsamuu dhabuu, tokkummaafi garaagarummaa uumamteefi hortee dhamjechootaa adda bahee dhiyaachuu dhabuudha. Akkasumas, gilgaalonni uumamteefi hortee dhamjechoonni kitaabilee barataafi qajeelcha barsiisaa keessatti dhiyaatan bal’inaan kan walhinsimne ta’uu hubatameera, KBfi KQ walsimuu dhabuu, boqonnaalee kitaabilee barnootichaa giddu galeeffachuu dhabuu, qinbdoominni dhiyaannaa uumamteefi hortee boqonnaa gara boqonnaatti, kutaarraa gara kutaatti haala walitti fufinsa qabuun dhiyaachuu dhabuufi kanneen biroodha. Dhumarratti argannoo qorannoo kanaa irratti hundaa’uun uumamteefi horteen dhamjechoonni kitaabilee barnootaa kanniin keessatti dhiyaatan haala ofiin barachuu barattoota giddu galeessa godhatanii dhiyaachuu kan qabaniifi maalummaan, garaa garummaa uumamteefi hortee dhamjechootaa bifa ifa ta’een dhiyaachuu akka qabu yaadni furmaataa kennameera. Kana malees, qabiyyeewwan uumateefi hortee dhamjechootaa boqonnaalee jiran keessaa haala madaalawwaa ta’een gurmaa’anii dhiyaachuu akka qabaniifi KBfi QB akkaataa walsimachuu danda’aniin itti yaadamuun qophaa’uun qabu, kitaabni barattootaaf qophaa’u karaa kallattiifi alkallattii xiyyeeffannoo keessa galchuun afoola adda addaa hammachiisuun dhyeeffamee gaariidha,kitaabni barattootaaf qophaa’u daree keessatti waliin mari’achaa akka baratan kan taasisu yoo ta’e gaariidha; haala jechoonni uumamaniifi itti horan tajaajila caasluga Afaanii adda addaatiif itti ooluu danda’an fakkenynaan deeggaramee kitaabilee barnoota Afaan Oromootiifi sirna barnoota Afaan Oromoo qopheessaniif,qabxiileen kunneen akka yabootti dhiyaatanii jiru.om-ETHaala Dhiyaannaa Dhamjechoota Uumamteefi Hortee Barnoota Afaan Oromoo Kutaalee 11ffaafi 12ffaa Bara 2005 Qophaa’an FinfinneeThesis