Aamfufaa, Tolamaariy (PhD)Sobbooqsaa, Tasfaayee2020-11-162023-11-302020-11-162023-11-302019-08http://etd.aau.edu.et/handle/123456789/23297Qorannoon kun faayidaa hibboon Oromoo guddina ijoolleetiif qabu qaaccessuurratti xiyyeeffata. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas, faayidaa hibboon Oromoo guddina ijoolleetiif qabu qaaccessuun ibsuudha. Kaayyoon gooree qorannoo kanaas, faayidaa hibboon dandeettii dhaggeeffachuu gabbisuurratti qabu addaan baasuu, faayidaa hibboon Oromoo gahumsaan dubbachuu barsiisuu irratti qabu ibsuu, faayidaa hibboon fayyadama jechootaa barsiisuu irratti qabu addaan baasuufi faayidaa hibboon safuu hawaasaa hubachiisuu irratti qabu ibsuudha. Odeeffannoowwan karaa afgaaffii, bargaaffii, daawwannaafi marii gareetiin odeefkennitootarraa funaanaman walduraa duubaan akkaataa walitti dhufeenya isaaniitiin mala qorannoo qulqulleeffataa ibsaatti fayyadamuun qaacceffamee jira. Yaaxxinni qorannoon kun bu‟uureffates yaaxxina tajaajilaati. Maddi ragaa qorannoo kanaas madda ragaa tokkoffaadha. Isaanis, barsiisotaafi barattoota Mana barumsa Garbii Bultoo sad.1ffaa kutaa 5-8 dhimma hibboo gadi fageenyaan beekanidha. Iddattoon qorannoo kana keessatti dhimma itti bahames iddattoo kaayyeeffataati. Faayidaa hibboon Oromoo guddina ijoolleetiif qabuufi adeemsa raawwii hibbootiin deeggaramee yemmuu ilaalamu, baay‟ee ta‟uu isaa qorannoo kanaan bira ga‟amee jira. Haaluma kanaan, qabxiiwwan itti aanan argannoowwan qorannoo kanaati. Ijoolleen adeemsa raawwii hibboon ittiin taphatamu hordofuun hibboo taphachuun obsa akka barataniifi xiiqii ofitti horuun, beekumsa gama hibbootiin qaban kan dabaluuf ta‟uu, seera hibboo eeganii taphachuun, qajeelfama mana barnootaa keessattillee akka isaan kabajan taasisuu, hibboon Oromoo gareedhaan galgala galgala waan taphatamuuf, ijoolleen beekumsa gara garaa akka walirraa baratan taasisuu, kanamalees, hibboon Oromoo mana barnootaa keessatti: dadeettiiwwan arfan afaanii keessattuu, dandeettii dhaggeeffachuufi, dubbachuu barattootaa daran kan cimsu ta‟uu, hibboon Oromoo dandeettii waa yaadachuu ijoollee cimsuu keessatti iddoo olaanaa kan qabu ta‟uu, hibboon ijoolleen safuu hawaasaa hubachiisuun, gaariifi yaraa addaan baafatanii akka guddatan kan isaan gargaaru ta‟uu, dabalataanis, hibbootti fayyadamuun miseensota maatii ollaa isaanii koorniyaan addaan baafachuu akka danda‟aniif, hibboon qoyyooboota herreegaa keessumaa ida‟uu barsiisuuf kan isaan gargaaru ta‟uu, dandeettii hiika jechootaa, faallaa jechootaafi garee jechootaa akka gabbifatan gochuu keessatti, yaada haaraa akka isaan kalaqaniifi burqisiisan gochuu, bashannansiisuun dhiphinaafi nuffii tokko malee ijoollee beekumsa gara garaa gonfachiisuu, sammuu ijoollee qaruu keessatti qooda olaanaa qabaachuu, aadaa hawaasaa hubatanii akka guddatan taasisuufi gahumsaan dubbachuu ijoollee cimsuu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsameera. Kun ta‟ee otoo jiruu, hibboon sababoota adda addaatiin kan ka‟e harca‟aafi dagatamaa dhufeera. Kanaafis, wantoonni akka sababaatti odeefkennitootarraa argame, wantoota bu‟aa tekinooloojii ta‟aniin bakka bu‟aa dhufuu isaa dubbatu. Kanaaf, ijoolleen yeroo isaanii hibboo taphachuurratti dabarsuurra, telebijiinii daawwachuu, fiilmii gara garaa ilaaluu, feesbuukii adda addaa hordofuuf bakka akka laatan himu. Bu‟aa tekinooloojii kanaaf immoo bu‟uurri isaa hibboo ta‟uun wal nama mormisiisu. Kun ammoo bu‟aa tekinooloojii kanaan otoo deeggaramee, bu‟aan isaa kana caalaa safaramuu danda‟a. Waan kana ta‟eef, hubannoo keessa galchuun itti fayyadamuun baay‟ee barbaachisaadha. Kanaaf, gooreen afoolaa kun akka hin banneefi akka turuuf, qaamni dhimmi ilaalu marti barsiisonni, barattoonni, hojjattoonni sektara gara garaa keessa jiran, waajjirri Aadaafi Turiizimii, sirni barnoota biyyaallee xiyyeeffannoo keessa galchuun afoola jaalatamaa kana badii jalaa baraaruufi tursiisuun otoo danda‟amee baay‟ee gaarii ta‟a.om-ETQaaccessa Faayidaa Hiibboon Oromoo Guddina Ijoolleetiif Qabu: Haala Qabatamaa Mana Barumsa Garbii Bultoo Sadarkaa 1ffaa Magaalaa Shinoo Kutaa 5-8Thesis