Dastaa Dassaaleny (PhD)Tashoomaa Araarsaa2024-01-022024-01-022021-11http://etd.aau.edu.et/handle/123456789/1373Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa Asoosama dhiigni dhiiga hin dhabu yaaxina diiganii ijaaruutiin qeequdha. Ka’umsi qorannichaa xiyyeeffannoon gama barreessitootaatiin qeeqa asoosamaarratti taasifame laafaa ta’uufi qeeqni asoosama guddina ogabrruuf bu’uura ta’uufi yaaxina diiganii ijaaruutiin qeequun qorattootaan xiyyeeffannoo kan hin arganne ta’uudha. Qorannoon kun qorannoo akkamtaa yoo ta’u, qorannoo kana gaggeessuuf yaaxina diiganii ijaaruutiin qeequun xiyyeeffannoo qorannoo kanaati. Akeeka kana galmaan gahuuf mala iddatteessuu mit-carraa keessaa kaayyeffataatti dhimma bahameera. Ragaaleen qorannoo kanaaf barbaachisan madda ragaalee tokkoffaa asoosama filatamedha. Malli asoosamni filatame kun ittiin qo’atames mala xiinxala sakatta’a barruu fayyadamuun adeemsifame. Akkuma bu’aawwan qorannicharraa argameetti: jaalala/ jibba, gabrummaa/ bilisummaa, hiyyeessa/ dureessafi barachuu/ barsiisuu yaada walii faallaa ta’anidha. Dhimmoota diiganii ijaaruu hawaasummaatiin jireenya karaarra jiraachuu keessatti hawasummaan jiraatus, bakkichi dhaabbataa waan hintaaneef gara mana godhatanii jiraachu keessattti hawaasummaan kan jiru ta’uun hubatameera. Diiganii ijaaruu diinagdee dhabuun akkuma jiru, argachuun jiraachuusaa haalaan hubatameera. Dhumarratti, qorattoonni dhiibbaan diiganii ijaaruu oguma keessa akka jiru hubachuun qeeqa akka gaggeessaniif, gooroowwan oguma keessaa yaada walii faallaawwanii, dhimmoota hawaasummaafi diinagdee adda baa’anii jiru.orAsoosama Dhiigni Dhiiga Hin Dhabu Yaaxina Diiganii Ijaaruun QeequThesis