Barkeessaa, AddunyaaGaarummaa, Qorichee2018-07-192023-11-302018-07-192023-11-302008-07http://etd.aau.edu.et/handle/123456789/9464Qorannoon kun faarsaa kitaaba “Galata waaqayyoo” qaaccessuu irratti xiyyeefata. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas, qaaccessa qabiyyee, unkaafi fayyadama afaanii faaruu amantii kitaaba “Galata Waaqayyoo” Waldaa Warra Wangeelaa Makaane Yesus (WWWMY) qaaccessuu dha. WWWMY kitaabolee garagaraa maxxansiistee tajaajilaaf oolchite keessaa turtii yeroo dheeraa kan qabu Kitaabni “Galata Waaqayyoo” jedhu isa tokko. Kitaabni kunis amantoota waldichaa biratti kan dinqisifatamuufi bakka guddaa kan qabudha. Maddi dinqisiifannaa kanaa immoo, itti fayyadama jechootaa qabiyyee faarsaa sana keessatti argamanidha. Kitaabni faarfannaa kun Afaan Oromootiin katabamuu isaa wajjiin walqabatee guddina hog-barruu afaanichaatiif bu‟aa buusee yoo jiraateyyuu, qabiyyee, unkaafi fayyadama afaanii irratti xiyyeeffatamee hamma ani beekutti hojiin hojjetame hin jiru. Kanarraa kan ka‟e faarsaa amantii WWWMY kitaaba “Galata Waaqayyoo”, fayyadama jechootaafi malleen dubbii faarfannaa keessatti akkamiitti dhimma itti bahan kan jedhu beekuuf madda odeeffannoo tokkoffaa kitaaba Galata waaqayyootti gargaaramuun iddattoon qorannichaa iddattoo akka kaayyoo yoo ta‟u, faarsaalee 329 keessaa faarsaan 82 tooftaa iddatteessuu miti carraatiin filamaniiru. Meeshaa funaansa odeeffannoo sakkata‟a dookimantiitti dhimma bahamaniiru. Faarsaa amantii kitaaba kana keessatti argaman mala akkamtaatti fayyadamuun saxaxa ibsaa gargaaramuun qoqooduufi qaaccessuun kaa‟amaniiru. Faarfannaa kitaaba “Galata waaqayyoo” ergaa, unkaafi fayyadama afaanii inni of keessatti qabate irratti hundaa‟uun qaaccessuun ni danda‟ama. Faarfannaan tokkummaafi hariiroo namaafi Waaqa gidduu jiru cimsa waan ta‟eef, jechoota ciccimoo ergaa dachaa, cimaa dabarsaniin, jechootaafi fayyadama afaaniif bakki guddaan kennamee irratti ciminaan hojjetamuu qaba. Karaa biraatiin walaloon faarfannaa kun bifa walaloo amayyaatti waan ramadamuuf barreessitoonniifi faarfattoonni jechoota ciccimoo gargaaramuun guddina afaanichaatiif shoora cimaa taphachuu qabu. Kun ammoo, kallattii guddinaafi dagaagina afaanni Oromoo har‟a irra jiru faana tarkaanfachuu waan ta‟eef xiyyeeffannoo itti kennuun barbaachisaadha. Faarsaa hunda katabanii kaa‟uun rakkisaa ta‟ullee qabiyyee barnootaa keessatti yoo dhiyaate guddina afaanichaafi dhaloota biraaf murteessaa waan ta‟eef akka yaada furmaataatti kaa‟ameeraom-ETQabiyyee, Unkaafi Fayyadama Afaanii FaarsaaQaaccessa Qabiyyee, Unkaafi Fayyadama Afaanii Faarsaa Waaqaa Kitaaba “Galata Waaqayyoo” KeessattiThesis