Biniyaam Jambaree (PhD)Lammeessaa Malaakuu2024-02-012024-02-012021-09https://etd.aau.edu.et/handle/123456789/1661Qorannoon kun qaaccessa ergaa jechama Afaan Oromoo irratti kan xiyyeeffatudha. Akkan qorannoo kana adeemsisuufis kan na kakaase, qaaccessi jechamni Afaan Oromoo barreeffamaan ka’aamee waan hinjirreef bifa barreeffamaatin dhaloota dhufuuf ol kaa’uudha. Kaayyoon qorannoo kanaa inni guddaan qaaccessi jechama Afaan Oromoo yeroo ammaa sababoota adda addaatiin dhokataa jiru sakatta’uun qaaccessuudha. Qorannoo kana geggeessuudhaaf meeshaaleen funaansa ragaa kanneen akka: afgaaffiifi sakattaa’a harshammeetti dhimma ba’eera. Malli iddattoon ittiin filame, mala mit-carraa keessaa akkaayyootti dhimma kan ba’amedha. Qorannoo kana keessatti odeeffannoo kallattii addaa addaatiin argame, mala qaaccessa qorannoo al-lakkoofsaatti fayyadamuun kan ibsamu yoo ta’u, qorannoo kanaan argannoowwan bira ga’aamanis, ergaa jechama Afaan Oromoo namoonni fayyadamuuf muuxannoo qaban hundi kan itti gargaaramanidha. Kana malees, jechamni Afaan Oromoo iddoo hundatti kan taajajilu ta’uu isaati.orQaaccessa Ergaa Jechama Afaan Oromoo Irratti Kan XiyyeeffateThesis