Amanuel Alamaayyoo (PhD)Girmaa Argataa2024-02-152024-02-152021-11https://etd.aau.edu.et/handle/123456789/1816Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa Ogummaa dubbisuu barsiisuu barattoota Afaan Oromoo akka afaan lammaffaatti baratanii Mana Barumsa Sadarkaa 1ffaa Roggeefi Gammee Kutaa 7ffaa“xiinxaluu dha.Qorannoon gaggeeffame kunis Mana Barumsa Sadarkaa 1ffaa Roggeefi Gammee keessatti yommuu ta‟u manni barumsaa kunis mala iddattoo miti carraa keessatti mala iddattoo itti yaadee (purposive sampling)n filatame. Akkasumas,qorannoon kun mala qorannoo akkamtaafi ammamtaa jechuunis makootiin hojjetamee dhiyaate.Dabalataanis qorannoo kana keessatti barattootni Afaan Oromoo akka Afaan lammaffaatti baratan 104 daree 4 (afur) keessaa akkasumas barsiisonni Afaan Oromoo barsiisan (3) sadiifi itti gaafatamaan muummee Afaan Oromoo mana Barumsaa kanaa carraafi miti-carraatiin walduraa duubaan filatamanii raga akka kennan taasifamee jira.Qorannoon kun yommuu gaggeeffamu meeshaaleen funaansa ragaalee bar-gaaffii kan akka hubannoo waliigalaa,qormaata gaaffilee dubbisa keessaa bahanii,af-gaaffiifi daawwannaadhaan ragaaleen walitti qabamanii jiru.Ragaaleen iddattoowwan irraa walitti qabamanis qaaccessa ragaalee lakkoofsaafi jechaan qaacceffamanii dhiyaataniiru.Xiinxalli bu‟aa qormaataa dubbisa keessaa bahanii akkuma nutti agarsiisutti barattootni dubbisa isaanii kenname of danda‟anii dubbisanii hubachuu irratti hanqina kan qaban ta‟uu isaanii ti.Af-gaaffii adeemsa dubbisa barsiisuufi barattootaafi dhiyaatee yaadni itti kennameefi af-gaaffii adeemsa dubbisuu barsiisuu barsiisotaaf dhiyaatee yaadni irratti kenname akkasumas daawwannaa wayita daree Afaan Oromoo qorataadhaan gaggeeffame irraa kan hubatamutti milkaa‟ina dubbisa dubbisuu barsiisuu barsiisaafi barachuu barattootaa irratti gama barattootaanis ta‟e barsiisotaan hanqinni kan jiru ta‟uu isaati.Hanqinni gama qaamolee kanaan mul‟atan kun immoo dubbisanii ergaa dubbisa Sanaa hubachuu dhiisuu fideera. Maddi yookiin sababootni hanqinoota kanaas fedhii barachuu dhabuu barattootaa, xiyyeeffannoo itti kennuun qophii gochuu dhiisuu barsiisotaa, sagantaan muuxannoo waljijjiirraafi leenjiin fooyya‟insa ogummaa gama muummeetiinis ta‟e gama barsiisotaan itti yaadamee yeroo yeroon kennamuu dhabuu isaa fa‟aa yommuu ta‟an akkamiin furmaata argachuu danda‟u kan jedhu yaada furmaataa kaahuun qorannoon kun qaaccessa argateer.orXiinxala Ogummaa Dubbisuu Barsiisuu Barattoota Afaan Oromoo Akka Afaan Lammaffaatti Baratanii Magaalaa Sabbataa (Mana Barumsa Sadarkaa 1ffaa Roggeefi Gammee Kutaa 7FFAA)Thesis