Amanu'eel Alamaayyoo (PhD)Fufaa Dheeressaa Xaafaatiin2024-02-192024-02-192021-11https://etd.aau.edu.et/handle/123456789/1856Qorannoo kana mataduricharaatti gaggeessuuf dhimmoota sabaaba ta’aan keessaa inni guddaan hasgocha barattoonniifi barsiisoonni itti fayyadaman kan akkamii akka ta’e baruufi maaliin akka walqabatu lafa ka’uufidha.Ka’uumsi koo inni biraan ilaalchi barattoonniifi barsiisoonni barnootaaf qaban akkamiin hasgochaan akka mul’atu adda baasuudhaaf, hubannoo barattoonniifi barsiisoonni hasgocha irratti qaban beekuu,hariiroo barsiisaafi barataa gidduu jiru bira gahuufi haaloota hasgocha barattootaa fooyyessuu danda’an baruufan mata duree kanarratti qorannoo gaggeessuuu filaadhe.Kanaafuu kaayyoo gooroon qorannoo kanaa Barattoonnifi barsiisoonni mana barumsaa Burqaa Haarbuu Sadarkaa 2ffaa hasgocha akkamiitti akka fayyadamaan adda baasuun xiinxaluu. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf mala qorannoo akkamtaatti irra jireessa kanan fayyadame yoo ta’u lakkoofsaan walqabatee garuu hagamtaattis fayyadamuudhaan odeeffannoon bargaafii,afgaaffii,waraabiifi daawwaannaan walitti qabame.Argannoon argame hasgochi naamusaan,kaayyoon,humna raawwiin,amanamummaan,aadaan, fakkenyumaan,waan itti amannuun,hariiroon,yoomeessaan,gaalchoon,sarmummaan,karibsoon walqabachuusaatu argameArgannoon 2ffaa hanqinni itti fayyadama hasgocha barattootaafi barsiisotaa:walkabajuu dhabuu, tuffii,fakkeenyummaa dhabuu hasgocha barsiisaa mataasaa,tarsiimoo hasgochaa wallaaluu,haala duraan keessa turani, haala mijataan dhabamuufi imaammata barnootaa keessaa hasgochi dhabamuun kan walqabatu ta’uusaatu hubatame.Walumaagalaatti,hasgocha barattootaafi barsiisotaa wantoonni galma geesisan:aadaa kabajuu,maalnaan jedhuu beekuu,sarmummaa qabaachuu,ga’uumsa qabaachuu, kaayyoo qabaachuu, yeroo kqabajuu,beekumsa hasgochaa qabaachuui,tarsiimoo hasgochaa beekuu, hariiroo sirriifi walgadhahuu danda’uu,fakkeenyummaa qabaachuu hasgocha barsiisaafi hoggantoota biyya bulchaniifi barnoota walmaddeessaa kenuun akka barbaachisutu hubatame.en-USmaaljooXiinxala Itti Fayyadama Hasgocha Barattootaafi Barsiisotaa Mana Barumsaa Burqaa Haarbuu sad.2ffaa Magaalaa HolataaThesis