Taliilaa, Xilaahun (PhD)Qaadiroo, Faayoo2019-04-182023-11-302019-04-182023-11-302017-08http://etd.aau.edu.et/handle/123456789/18047Qorannoon kun xiinxala shoobdoo,afwalaloo tumaa midhaanii: godina harargee lixaa aanaa xuulloo irratti kan xiyyeeffateedha. Kaayyoon guddaan qorannoo kanaa shoobdoo,afwalaloo tumaa midhaanii Godina Harargee Lixaa Aanaa Xuulloo sababa adda addaan irraanfatamaa jiru walitti guuruun akkaataa qabiyyeefi faaydaa isaaniitiin qoqqooduun ergaa isaanii xiinxaluudha. Kanaan dura shoobdoon aanaa kanaa walitti qabamee xiinxalame hin jiru. Kanaaf qorattuun aanaa kanarratti xiyyeeffachuun qorannoo jalqabaa taasisteerti. Kanumarraa ka‟uun gaafilee bu‟uuraa kanneen akka, shoobdoon eenyuun, yoom, eessattifi haala kamiin shoobdeffama? , akkasumaas,faaydaafi qabiyyeen afwalaloo shoobdoo kamfaadha? jedhan deebisuuf kaayyeeffatamuun qorannichi gaggeeffameera. Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga‟uuf, akkasumaas, gaafiilee qorannoo kanneen deebisuuf malli qorannoo akkamtaa kan filatame yoo ta‟u, meeshaaleen funaansa odeeffannoo kanneen akka af-gaafii, daawwannaafi marii garee hojiirra ooluun odeeffannoo barbaachisaa ta‟an odeefkennitoota mala iddatteessuu dabraa dabarsaatiin filataman irraa sassaabameera. Haaluma kanaaan, odeefkennitoonni af-gaafii manguddoota sadi, kan marii garee afurfi odeefkennitoota marii garee sadi waliigalatti namoonni kudhan kallatiidhaan qorannicha keessatti hirmaataniiru. Kana malees, daawwannaan uuda sadi irratti godhamuun odeeffannoon bifa barreeffamaafi suur-sagaleetiin funaanameera. Odeeffannoon haala kanaan sassaabaman iddoo tokkotti deebifamuun erga wal madaalchisuun dhugoomni isaanii mirkaneeffameen booda qoqqoodamuun qaacceeffamaniiru. Akka qorannoo kanaan bira gahametti, shoobdoon akaakuu af-walaloo (sirba) hojii keessaa isa tokko yoo ta‟u, inniis tumaa midhaan akka bishingaafi boqqoolloo irratti namoota dhiiraa qofaan sirbama. Kana malees, shoobdoon af-walaloo hojii kanneen akka darassii, hooylee, shororeefi dikkoo jedhamuun naannichatti beekkaman irraa garaa garummaa hedduu akka qabu hubatameera. Itti dabalee, qorannichi shoobdoon faaydaawwan akka hojiirratti walsi‟eessuu, seenaa dhalootaa dhalootatti dabarsuu, qajeelfama adeemsa hojii tumaa keessatti waliif laachuufi abbaa guuzaa affeerraa gaafachuufaa kanqabu yoo ta‟u. Qabiyyeewwan akka abbaa ykn haadha daboo faarsuu, faaruu wantoota garaa garaa, , quuqama ibsuu, Waaqa galateeffachuu, akkasumaas hojiirratti wal qeequufi kkf akka ta‟an qorannoo kanaan bira gahameera. Dhumarratti, qorannoon kun shoobdoon akka hin banneef qaamonni garaa garaa kan dhimmi ilaallatu irratti hirmaachuun bifa waraabbii suur-sagaleefi barreeffamaatiin ol kaa‟uun akka irra jiraatu; kana malees, qorannoon bal‟inaafi gadi fageenya qabu mata duree kanarrattiis ta‟ee mata duree wal fakkaataa irratti gaggeeffamuun akka barbaachisaa ta‟e akka yabootti lafa kaa‟eeraom-ETXiinxala Shoobdoo, Afwalaloo Tumaa Midhaanii: Godina Harargee Lixaa, Aanaa XuullooThesis